Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Bulchiinsi Yeroo Kan Naannoo Tigraay Hooggansi ABUT Fongolcha na Irratti Geggeessuuf Shire Jechuun Himate

Дата публикации: 19-09-2024 18:36:46

Bulchiinsi Naannoo Yeroo kan Tigraay hoggansi ABUT bulchiinsa isaa irratti fonqolcha geggeessuuf shire jechuun Himate. Ibsa maqaa “Koree Giddugaleessa ABUT” jedhuun Roobii darbe baaseen, bulchiinsi Naannoo Yeroo kan Tigraay, hooggantoonni ABUT mootummaa naannichaa diiguuf hojjechaa akka jiran himatee jira.
Oduun kun kan dhaga’ame Koreen Giddu-galeessaa Adda Bilisummaa Ummata Tigraay kan kora 14ffaa falmisiisaa ta’eem filatame, Geetaachoo Redaa fi namoota siyaasaa ABUT michuu ta’an biroo 15 irratti himannaa wal fakkaatu erga dhiheessee guyyoota lama booda.
Koreen giddu-galeessaa ABUT obbo Geetaachoo Redaa fi namoota 15 kaan paarticha diiguuf hojjetan ittiin jedhe paarticha keessaa ari’uu kan beeksise yoo ta’u, gama obbo Geetaachoon tarkaanfiin kun kan fudhatama hin qabaanne ta’uun ibsameera.
Obbo Geetaachoo fi michoonni isaanii seera qabeessummaa gama Debretsioniin paarticha keessaa ari’atamuu isaanii falmaniiru. ABUT Debretsion GebreMikaa’eliin durfamu immoo obbo Geetaachoo faan kana booda maqaa dhaabichaan socho’uu hin danda’an jedhee jira.  Adoolessa 13 bara 2024 Finfinnee keessatti ibsa kan kennan gaanfa Afriikaaf jilli addaa kan Yunaayitid Isteetis Maayik Hamer, hoogganoonni ABUT kanneen hojjetaa jiran, pritootiyaatti walii galtee irra ga’ame qajeelfama godhachuu isaanii akka mirkaneessan gaafataniiru.
 
Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Getaachoo Raddaa Akka Yaa'ii Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayitti Hin Hirmaanne  Beeksisan 05.4409-08-2024
2Humnoonni Naga Eegumsa Tigraay Dhimma Siyaasaa Nannichaa Keessa Akka Hin Seenne Paartileen Naannoo Sanaa Gaafatan07.8216-09-2024
3Debretsiyoon Gabremikaa’el: Obbo Geetaachoo Raddaa Paartii Isaaniin Ergamanii Hoogganoota Ertiraa Quunnamuu Quban Qaba 05.9310-09-2024
4Kanneen Yaa'ii Geggeessan Hoogganoonni Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Ibsa Kaabineen Bulchiisa Yeeroofii Naanichaa Baase Morman 07.8225-09-2024
5Gareeleen Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Eega Torban Dabre Muummicha Ministaraa Abiyyi Wajjiin Mari'atanii Boodallee Wal-Himataa Jiran 08.4213-12-2024
6Wal-dhabdeen Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Keessatti Uumame Ittuma Fufee Jira09.0906-09-2024
7Dura-taa’aan ABUT Dabre-Tsiyoon Gebre-Mikaa’el Kufaatii Hooggansa Dhaabichaa Mudate Furuuf, Yaa’iin Waliigalaa Barbaachisaa Tahuu Dubbatan010.9812-08-2024
8Lafawwan Naannoo Caasaa Bulchiisaa Ijaaruuf Qajeelchi Lafa Kaa’amuun Ibsame  09.1814-08-2024
9Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025
10Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame07.3710-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 7.34. Источник: www.voaafaanoromoo.com.