Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Walitti-bu’insa Dheessuun Namoonni Koremii fi Ofilaarraa Bu’qqa’an Gargaarsa Akka Argachaa Hin Jirre Dubbatan

Дата публикации: 24-05-2024 19:26:12

Hidhatoonni naannoo Tigraay irraa ka’an naannoo sana seenuu isaanii hordoofuudhaan namoottan aanaalee Koremii fi Ofilaa irraa buqa’anii godina walloo kaabaa fi godina sab-lammii Waag Himiraa keessa qubatanii fi kuma 35 ta’n gargaarsaa nyaataa ittu hin argati ji’a tokkoo ol turuu isaanii ibsaniiru.
Jiraattonni baqatanii godina waag Himiraa magaala  Soqoxaa fi Hamuusiit akkasumas, godina Walloo kaabaa magaala  Qobboo fi Waldiyaa keessa qubatan, hanqinaa nyaataatiin alatis bakka keessa boqotan gahaa ta’e akka hin argannee ibsanii, qabeenyii isaan dhisanii baqataniis akka saamamaa jiru sagalee Amerikaatti himanii jiru.
   Buqaatonni kun magaalota kanaan alattis gara godinaa walloo kibbaa magaalota Dassee fi Kombilchaa keessa qubachuu isaanii kan ibse bulchiinsii magaala Korem, mootummaa naannoo Amaaraa fi mootummaan Feederaala akka xiyyeeffannaa gahaa itti hin keninee ibsuudhaan komii isaa dhiheessee jira.
Gargaarsa namoomaa argachuudhaaf yaaliin adda addaa taasifamus deebii gahaa argachuun akka hin danda’amne kan ibsan Kantiibaan magaala Korem obbo Birhaanuu Hayiluu,gargaarsi  qaqqabuu baanaan rakkinii namoomaa cimaan uumamuu akka danda’u hubachiisuun isaanii beekameera.
    Rakkinichii sadarkaa gargaarsa godiinaatiin furmaata argachuu akka hin dandeenyee sagalee Amerikaatti kan himan godina walloo kaabaatti itti gaafatamaan ittisa balaa fi wabii nyaata obbo Alemuu Yimer deebii mootummaa eeggachaa akka jiran himuu isaanii kan ibsee gabaasini Masfin Arraagee, dhimma kana irratti mootummaa naannoo Amaaraa fi mootummaa feederaalaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasifame har’aaf akka hin milkoofne beeksiseera.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025
2Jalqaba Baatii Sadaasaa Irra Keeniyaan Poolisii Itti Dabalaa Heeytiif Erguuf Ka Jirtu Ta’uu Beeksiste07.1314-10-2024
3Abukaatoon Pireezidaantii Kooriyaa Kibbaa Aangoo Irraa Kaafame Deggertoonni Isaanii Akka Hin Hidhamne “Hanga Dhumaattan Qabsaa’a” Jedhan  07.5702-01-2025
4Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame07.3710-03-2025
5Humni addaa Sudaan “RSF “ jedhamu  Bakkawwan To’ate Keessatti Aangoo Bulchiinsaa Akka Hundeeffatu Himuun Yaaddoo Uumee Jira06.6127-02-2025
6Itti fayyadama Bishaanii Kuusaa laga Abbayyaa Irratti Walii Galteen Jiru Hojii Irra ooluu Muummichi Ministeera Abiy Ahimed Beeksisaniiru07.7214-10-2024
7Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo Gidduutti Mariin Nagaa Marsaa Sadaffaa Geggeessamaa Laata?06.8922-02-2024
8Jilli Yunaayitid Isteetis Prezidaantii Haaraa Filatame Waliin Wal Argan06.0827-05-2024
9Kaadhimamaan Itti Aanaa Prezidaantii Ameerikaa Yaa'ii Biyyoolessaa Dimokraatotaa Guyyaa Sadaffaa Irratti Kaadhimummaa Isaanii Simatan07.322-08-2024
10Faransaay Keessatti Boombiin Bara Waraansa Addunyaa Lammaffaa Argamuu Isaarraa Kan Ka'e  Geejjibni Baaburaa Akka Dhaabatu Taasisamee Jira 06.2407-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 8.06. Источник: www.voaafaanoromoo.com.