Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Ukkaamsaa, Ajjeechaa fi Miidhaalee Biroo Saala Irratti Hundaa'ee Dubartoota Irratti Raaw'atamu Mormuun Maqalee Keessatti Hiriirri Bahame

Дата публикации: 26-06-2024 12:14:15

Naannoo Tigiraay keessatti dubartoota irratti ukkamsaa, ajjeechaa fi miidhaan saalarratti hundaa’ee raawwatamu haa dhaabbatu jechuun dubartoonni magaalaa Maqalee keessatti Wiixata darbe hiriira nagaa gaggeessaniiru.
Dubartoonni magaalaa Maqaleetti guyyaa Wiixata kaleessaa hiriira naga ba’uun naannoo Tigiraay keessatti ajjechaan dubartoota irratti raawwatu ukkaamsaa fi miidhaa koorniyaa gidduu galeessa godhatee raawwatamu haa dhaabbatu, dubartoota miidhaan irra ga’eeru haqa akka argatan jechuun gaafataniiru. Warra hiriira qindeessan keessaa tokko kan taate Semhaal Kiduu Naannicha keessatti irra deebbiin dubartoota irratti ukkaamsaan ajjeechaan raawwatamaa waan jiruuf mootummaanis rakkicha dhaabuu daddabuu isaaf gaafachuuf hiriira nagaa ba’uuf akka dirqaman ibsiteetti.
Hirmaattuun hiriirichaa biraan Maartaa Gebire Igihaabeer obboleettii ishee xiqqoo irratti ji’oota Kudhan dura Ajjeechaan raawwatamuu ibsitee namoonni ishee ajjesuun shakkaman Sadii to’annaa jala oolfamanis hanga ammaa murtii akka hin arganne fi haqa obboleettii koo eeggachaa jirra jetteetti.
Itti gaafatamaan biiroo haqaa naannoo Tigiraay Obbo haduush Tasfaa naannichatti yakkoonni dubartoota irratti raawwatamaa jiran gaddisiisoodha jedhanii mootummaan rakkicha hiikuuf ni hojjetas jedhaniiru. Naannoo Tigiraay magaalaa Aduwwaatti ji’oota sadii dura shamarreen waggaa 16 Maahileet Takilaay ukkaamfamuun essa buuteen ishee dhabameen booda torbaan darbe kanneen ishee ukkamsaanii fudhataniiran ajjeesanii akka awwaalaniiran poolisiin baasuu isaa gabaasuun keenya ni yaadatama.
Hiriira kanaan alattis Paartileen siyaasaa sadii kan naannicha keessa socho’an Areenaa Tigiraay, Wuddib Tsinaatii fi Baayitoonaan ibsa waloon baasaniin naannicha keessatti seera maleessummaan babbal’achaa dhufeera jedhanii humni mootummaa kana dhaabsiisuu danda’u naannicha keessa hin jirus jedhaniiru Jechuun Maqaleerraa Muluugeetaa Astibahaatu gabaase.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Bulchiinsi Yeroo Nannoo Tigiraay Kanneen Hojii Bulchiinsicha Gufachiisan Irratti Tarkaanfiin Fudhadha Jedhe06.6929-08-2024
2Maqalee Keessatti Mariin Dhaabilee Siyaasaa, Hayyootaa fi Jaarmayaalee Siivikii Hirmaachise Geggeessamuun Himame05.2902-08-2024
3Paartiileen Tigiraay Keessa Socho'an Sadii Gochaa Adda Bilisummaa Uummata Gigiraay Balaaleffachuun Ibsa Kennan06.0831-07-2024
4Getaachoo Raddaa Akka Yaa'ii Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayitti Hin Hirmaanne  Beeksisan 05.4409-08-2024
5Walitti-bu’insa Dheessuun Namoonni Koremii fi Ofilaarraa Bu’qqa’an Gargaarsa Akka Argachaa Hin Jirre Dubbatan08.0624-05-2024
6Namoonni Aanaalee Raayyaa Irraa Buqqa’an Kuma 20 ol Tahan Gargaarsa Dhabuun Akka Rakkachaa Jiran Himatan09.1212-07-2024
7Dura-taa’aan ABUT Dabre-Tsiyoon Gebre-Mikaa’el Kufaatii Hooggansa Dhaabichaa Mudate Furuuf, Yaa’iin Waliigalaa Barbaachisaa Tahuu Dubbatan010.9812-08-2024
8Rakkoo Naannoo Tigraay keessaa Furuuf  Mootummaan Federaalaa Gargaarsa Barbaachisu Akka Taasisu Bulchiinsi Yeroofii Tigiraay Gaafate  09.512-03-2025
9Namoota Tigraay Keessaa Buqqa’an Deebisuuf Hojiin Hojjetamu Lafa Irra Harkiifamuun Rakkoo Nutti Hammeesse, Jedhan Buqqaatonni06.5614-06-2024
10Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar Keessatti Ukkamfanii Haala Rakkisaa Keessa Turan 32 Wiixata Har’aa Gara Itiyoophiyaatti Deebifaman07.310-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 4.76. Источник: www.voaafaanoromoo.com.