Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Jalqaba Baatii Sadaasaa Irra Keeniyaan Poolisii Itti Dabalaa Heeytiif Erguuf Ka Jirtu Ta’uu Beeksiste

Дата публикации: 14-10-2024 16:31:16

Poolisoonni Keeniyaa itti dabalaa kanneen 600 ta’an hookkara kashlabbummaa kan biyya Heeyitii keessatti duuluuf jecha jalqaba baatii Sadaasaa qabee bobba’uuf kan jiran ta’uu hoogganaan poolisii Keeniyaa Sambata darbe beeksisanii jiran.
Prezidaant Wiiliyaam Ruuttoo humnootii itti dabalaa kan ergan ta’uu waadaa kan seenan, muummicha ministeeraa yeroo kan Heeyitii Geerii Kooniil waliin Jimaata darbe erga wal arganii booda yoo ta’u, hoogganoonni lamaan hawaasi addunyaa daran akka hojjetu gaafataniiru.
Gareen poolisoota 600 kun yeroo dhiyootti bobbaafamuu dura leenjii keennamu erga xumuranii booda poolisii Keeniyaa duraan Heeyitii keessa buufatetti makamu jechuu dhaan Inispeektaerri Olaanaa Poolisii Keeniyaa Daaglaas Kaanjaa beekisaniiru.
Leenjiin sun erga xumuramneen booda poolisoonni kun jalqaba ji’a itti aanuu Keeniyaa dhaa ka’uuf qophii ta’u jechuu dhaan Kaanjaan Kooniil waliin ta’uu dhaan sabaa himaaf Naayiroobii keessatti ibsa kennanii jiran.
Biyyattiin gaanfa Afriikaa kun biyya Kariibiyaan kan yakkaan raafamte keessaa nageenya dhabame bakkatti deebisuuf gurmuu humnootii biyyoota hedduu hoogganuu dhaan hanga ammaatti poolisoota 400 ta’an ergitee jirti.
Humnootii naga eegumsaa duruu Heeytii keessa jiraniif mindaa baasuu boodatti harkifachuu ilaalchisee Kaanjaan ennaa dubbatan, dhimmi kaffaltii furmaata argateeraa, humnootiin nagaa eegsisanis gammasaniiru jedhan.
Prezidaanti Ruuttoon Jimaata darbe akka jedhanitti, hawaasi addunyaa hatattamaan gurmuu hanqinni maallaqaa isa mudate cina akka hiriiru gaafataniiru.
Yeroon kun yeroo hojii harka keenya jiru raawwachuu akka dandeenyuuf deeggarsi murteessaan itti nu barbaachisuu dha  jechuun waamicha Kooniil dabarsan irra deebi’aniiru.
Erga miseensonni kashlabbootaa magaalaa guddoo Poortoo Piriins irraa fageenya km 100 irratti kan argamtu magaalaa Heeyitii Poont Soondee keessatti dhukaasa banuu dhaan namoota 109 morma irraa muruu dhaan kanneen biroo 40 madeessanii booda ture hoogganaan biyyattii Keeniyaa kan daawwatan.
Golli naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaa ji’a darbe gurmuu naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaatti utuu hin jijjiirin ergami poolisii waggaa tokkoof akka dheeratu kan taasise jira.
Hookkara kashlabbootaa hiika hin qabaannen waggaa kana Heeyitii keessatti namoonni 3,600 ol ajjeefamuu waajjirri mirga namaa kan Tokkummaa Mootummootaa beeksisee jira.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1 Mooraa Baqattootaa Keeniyaatti Argamu Keessatti Dhukaasa Poolisoonni Bananiin Baqattoota Afur tu Madaa'e 06.8904-03-2025
2Walitti-bu’insa Dheessuun Namoonni Koremii fi Ofilaarraa Bu’qqa’an Gargaarsa Akka Argachaa Hin Jirre Dubbatan08.0624-05-2024
3Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar Keessatti Ukkamfanii Haala Rakkisaa Keessa Turan 32 Wiixata Har’aa Gara Itiyoophiyaatti Deebifaman07.310-03-2025
4Humni addaa Sudaan “RSF “ jedhamu  Bakkawwan To’ate Keessatti Aangoo Bulchiinsaa Akka Hundeeffatu Himuun Yaaddoo Uumee Jira06.6127-02-2025
5Abukaatoon Pireezidaantii Kooriyaa Kibbaa Aangoo Irraa Kaafame Deggertoonni Isaanii Akka Hin Hidhamne “Hanga Dhumaattan Qabsaa’a” Jedhan  07.5702-01-2025
6Itti fayyadama Bishaanii Kuusaa laga Abbayyaa Irratti Walii Galteen Jiru Hojii Irra ooluu Muummichi Ministeera Abiy Ahimed Beeksisaniiru07.7214-10-2024
7Gareen Waraana Saffisaa Sudaan ‘RSF’ Namoota Nagaa 120 Ajjeesuu Tokkummaan Mootummootaa Ibse06.528-10-2024
8Biyyoonni Addunyaa Irraa Hiyyeeyyii Ta’an 26 Rakkoo Maallaqaa Hamaa Keessa Jiraachuu Baankiin Addunyaa Beeksise09.7814-10-2024
9Lammileen Namibiyaa Eega Filannoon Sababa Teekinikaan Dhaabatee Booda Gara Buufatalee Filannootti Deebi’udhaan Sagalee Kennaa Olan09.3829-11-2024
10Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo Gidduutti Mariin Nagaa Marsaa Sadaffaa Geggeessamaa Laata?06.8922-02-2024

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 7.13. Источник: www.voaafaanoromoo.com.