Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Maqalee Keessatti Mariin Dhaabilee Siyaasaa, Hayyootaa fi Jaarmayaalee Siivikii Hirmaachise Geggeessamuun Himame

Дата публикации: 02-08-2024 18:38:44

Naannoo Tigiraay magaalaa Maqaleetti guyyoota lamaaf mariin dhaabollii siyaasaa , hayyotaa fi dhaabbilee siivikii hirmaachise kan qopheessummaa bulchiinsa yeroo naannichaan haala bulchiinsa siyaasaa nannichaa irratti taasifameera. Itti aanaan pireezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigiraay Leteenaat Janeraal Tsaadiqaan Gebire Tinsaa’ee marii kanarratti rakkooleen naannoo Tigiraay keessa amma jiran dhaaba siyaasaa tokko qofaan kan furmaata argatan miti jedhaan. Itti dabaluunis rakkooleen nu quunnamaa jiran yeroodhaa yerootti wal xaxaa kan dhufanii fi humna qaama tokko ykn dhaaba siyaasaa tokkoon ol ta’aniiruus jedhanii akka uummataattis kanarratti marii’achuun nu barbaachisa jedhan.
Haala naannichi keessa jiru irratti qorannoo taasifame kan qindeessan Obbo Weldesillaasee Weldemikaa’eel naannicha keessatti hanna cimaa, Ajjeechaa, miidhaa korniyaa irratti hundaa’ee gaggeeffamu, Ukkamsaa , daddabrsa namootaa seeraan alaa , daldala meeshaalee waraanaa seeraan alaa , weerara lafaa fi aldbuuda seeraan alaa baasuun warra bal’inaan jiran jechuun qorannoon argachuu ifoomsaaniiru. Rakkoowwan kunneen babbal’achuu isaaniifimmoo bulchiinsi heera mootummaa kabajee hojjetu dhabamuu isaatiinis jedhan.
Marii kanarratti yaada kan kennan dubbii himaan dhaaba Adda bilisa baasaa uummata Tigiraay Obbo Amaanu’eel Aseffaa rakkoowwan kanneen baay’isaanii tarreessuun abdii kutannaa akka hin fidne sodaan qaba jedhaniiru jechuun Maqalee irraa Muluugeetaa Atsibahaatu gaabase.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Paartiileen Tigiraay Keessa Socho'an Sadii Gochaa Adda Bilisummaa Uummata Gigiraay Balaaleffachuun Ibsa Kennan06.0831-07-2024
2Namoonni Aanaalee Raayyaa Irraa Buqqa’an Kuma 20 ol Tahan Gargaarsa Dhabuun Akka Rakkachaa Jiran Himatan09.1212-07-2024
3Wal-dhabdeen Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Keessatti Uumame Ittuma Fufee Jira09.0906-09-2024
4Ukkaamsaa, Ajjeechaa fi Miidhaalee Biroo Saala Irratti Hundaa'ee Dubartoota Irratti Raaw'atamu Mormuun Maqalee Keessatti Hiriirri Bahame04.7626-06-2024
5Bulchiinsi Yeroo Nannoo Tigiraay Kanneen Hojii Bulchiinsicha Gufachiisan Irratti Tarkaanfiin Fudhadha Jedhe06.6929-08-2024
6Gareeleen Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Eega Torban Dabre Muummicha Ministaraa Abiyyi Wajjiin Mari'atanii Boodallee Wal-Himataa Jiran 08.4213-12-2024
7Humnoonni Naga Eegumsa Tigraay Dhimma Siyaasaa Nannichaa Keessa Akka Hin Seenne Paartileen Naannoo Sanaa Gaafatan07.8216-09-2024
8Getaachoo Raddaa Akka Yaa'ii Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayitti Hin Hirmaanne  Beeksisan 05.4409-08-2024
9Namoonni Sababaa Waraansaatiin Wal-Qaayit Irraa Buqqa'an Q'ee Isaaniitti Deebifamuu Jalqabu, Jedha Bulchiisi Yeroofii Naannoo Tigiraay06.5415-07-2024
10Raayyaa, Alaamaaxaa fi Naannoo Sanarraa Namoonni Buqqa’anii Turan Kuma kudha Torba Qe’ee Ofiitti Deebifamanii Jiru06.726-07-2024

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 5.29. Источник: www.voaafaanoromoo.com.