Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Namoonni Aanaalee Raayyaa Irraa Buqqa’an Kuma 20 ol Tahan Gargaarsa Dhabuun Akka Rakkachaa Jiran Himatan

Дата публикации: 12-07-2024 18:39:31

Naannoowwan falmisiisoo jedhaman kan naannoo Tigiraay fi Amhaaraa gidduutti argaman aanaalee akka Koorem Wafilaa fi Zaataa irraa namoonni ji’a Bitooteessa darbe keessa jeequmsa ka’e hordofee kanneen qe’ee keenyarraa buqqaane jedhanii gara Waag himraa fi Godinaalee Walloo kabaatti baqatniiran gargaarsa namoomaa ga’aa osoo hin argatiin jirra jechuun sagalee Ameerikaatti himaniiru.
Buqqatoonni kunneen gara daandiitti ba’uun kadhaaf saaxilaamneerra yummoo jedhanitti kantiibaan maagaalaa Kooreem Birhaanuu Haayiluummoo aanaale sadiirraa namoonni buqqa’aniiran baay’inni isaaanii kuma 22 ta’uu fi hanqinni gargaarsa nyaataa isaan mudachuu ibsanii baay’ee yaaddeessaa ta’uus sagalee Ameeriikaatti himaniiru.
Bulchiinsa godina saba Waaghimiraatti waajjirri Ittisaa fi sodaa balaa gama isaan buqqaatota baay’ee akka keessummeesse himee Godinichi qabeenya muraasa qabaachuu isaarra darbee bara darbe goginsi waan tureef buqqaatootaaf gargaarsa kennuun rakkisaa ta’eera jedheera.
Naannoo Amaaraatti komishinarri komishinii ittisaa fi sodaa balaa Diyaaqoon Tesfaawu Baayaabil buqqaatotaaf gargaarsi midhaan nyaataa yeroo gabaabaa keessatti akka taasifamu sagalee Ameerikaatti himaniiru jechuun Daseerraa Masfin Arraageetu gabaase.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Maqalee Keessatti Mariin Dhaabilee Siyaasaa, Hayyootaa fi Jaarmayaalee Siivikii Hirmaachise Geggeessamuun Himame05.2902-08-2024
2Ukkaamsaa, Ajjeechaa fi Miidhaalee Biroo Saala Irratti Hundaa'ee Dubartoota Irratti Raaw'atamu Mormuun Maqalee Keessatti Hiriirri Bahame04.7626-06-2024
3Raayyaa, Alaamaaxaa fi Naannoo Sanarraa Namoonni Buqqa’anii Turan Kuma kudha Torba Qe’ee Ofiitti Deebifamanii Jiru06.726-07-2024
4Namoonni Sababaa Waraansaatiin Wal-Qaayit Irraa Buqqa'an Q'ee Isaaniitti Deebifamuu Jalqabu, Jedha Bulchiisi Yeroofii Naannoo Tigiraay06.5415-07-2024
5Getaachoo Raddaa Akka Yaa'ii Adda Bilisummaa Uummata Tigiraayitti Hin Hirmaanne  Beeksisan 05.4409-08-2024
6Lafawwan Naannoo Caasaa Bulchiisaa Ijaaruuf Qajeelchi Lafa Kaa’amuun Ibsame  09.1814-08-2024
7Wal-dhabdeen Adda Bilisummaa Uummata Tigiraay Keessatti Uumame Ittuma Fufee Jira09.0906-09-2024
8Lammileen Ityoophiyaa Baqatanii Sudaan Keessa Jiran Rakkina Nageenyaatiif Saaxilaman05.3304-07-2024
9Namoota Tigraay Keessaa Buqqa’an Deebisuuf Hojiin Hojjetamu Lafa Irra Harkiifamuun Rakkoo Nutti Hammeesse, Jedhan Buqqaatonni06.5614-06-2024
10Paartiileen Tigiraay Keessa Socho'an Sadii Gochaa Adda Bilisummaa Uummata Gigiraay Balaaleffachuun Ibsa Kennan06.0831-07-2024

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 9.12. Источник: www.voaafaanoromoo.com.