Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Itti fayyadama Bishaanii Kuusaa laga Abbayyaa Irratti Walii Galteen Jiru Hojii Irra ooluu Muummichi Ministeera Abiy Ahimed Beeksisaniiru

Дата публикации: 14-10-2024 16:22:02

Waliigalteen Bu’uura Laga Abbayyaa kan jedhamu jalqaba bara 2010 kan eegalame yoo ta’u, Itiyoophiyaan alatti booda irra Ruwaandaa, Yugaandaa, Taanzaaniyaa, Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoo fi yeroo dhiyootti ammoo Sudaan Kibbaatiin raggaasifameera.
Waliigaltichi hojiirra oolus, biyyoota toora yaa’aa Bishaan Abbayyaa irra jiran gurguddoo lama Masrii fi Sudaan mormaniiru.
Biyyoonni lamaan wixineen Bu’uura Laga Abbayyaa ilaalchisee ba’e kun waliigaltee isaanii malee ta’uu ibsuu dhaan, tarkaanfiiwwan gama tokkee kun, biyyoota yaa’a bishaanichaa gara olii fi gadii gidduutti qoqqoodinsa hammeessuu hammeessuu akka malu akeekkachiisaniiru.
Muummichi ministeeraa Abiy, waliigaltichi hojii irra ooluu isaa jajatanii jiran.
Guyyaan kun tumsa dhugaa Bishaan Abbayyaa keessatti qabnu guddisuuf tattaaffii waloo taasifnu keessatti milkaa’ina seena qabeessa ta’ee yaadatam jedhan.
Waliigalteen Bu’uura Laga Abbayyaa hojiirra ooluun isaa akka maatii Naayiliitti fayyadamuutti, walitti dhufeenya keenya kan cimsu yoo ta’u, bulchiinsi fi itti fayyadamni qabeenya bishaanii waliin qabnu hundi fayyadamoo akka ta’u mirkaneessa, jechuun barreeffama X, ka duraan tiwiitara ture irratti barreessuun itti dabalanii ibsaniiru.
Akka marsariitii mootummaan Masrii Ahraam jedhutti, Masrii fi Sudaan walgahii guyyoota lamaaf Onkoloolessa 11-12 Kaayirootti gaggeessan hordofuu dhaan ibsa Komishiniin Teeknikaa Waliinii Dhaabbataa Masrii fi Sudaan kan dhimma Bishaan Abbayyaa baaseen ejjennoo isaanii calaqqisiisaniiru.
Akka komiishinni kun jedhutti wixineen bara 2010 ba’e waliigaltee barbaachisaa kan hin qabnee fi qajeeltoowwan seera sadarkaa addunyaa hundeeffamanii fi muuxannoowwan gaarii ta’an kan hin kabajne ta’uu Al-Ahraam ibseera.
Muummichi ministeeraa Abiy, biyyoonni walii galtee sana mallatteessuu hin qabne maatii fayyadama bishaan Abbayyaatti akka makaman gaafatanii, waliin taanee kaayyoo misoomaa fi walitti dhufeenya waliin qabnu galmaan geenya jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Masriin dhimma hidha laga Abbayyaa guddicha irratti imaammata Itoophiyaa kan ittiin jettee ibsitu mormuu dhaan dhiheenya kana Gola naga eegumsaa kan Tokkummaa Mootummootaaf xalayaa barreessiteetti.
Xalayaan Masriin kun kan barreeffame erga Itiyoophiyaan tarbaayinoota humna elektirikii sadaffaa fi afraffaan hidha laga Abbayyaa irratti hojjechiisuu jalqabdee
Itiyoophiyaan mirga guddina diinagdeef qabdu fayyadamaa jirti jechuun falmiti.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Walitti-bu’insa Dheessuun Namoonni Koremii fi Ofilaarraa Bu’qqa’an Gargaarsa Akka Argachaa Hin Jirre Dubbatan08.0624-05-2024
2Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 37ffaa Har’a Finfinneetti Jalqabame07.0317-02-2024
3Manni-Maree Bakka-Bu’ootaa Itiyoophiyaa Wixinee Qonnaan Bulaa Lafa Qabiyyeesaa Qabsiisee Baankiirraa Liqaa Fudhachuu Dandeessisu Raggaasise011.6514-05-2024
4Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo Gidduutti Mariin Nagaa Marsaa Sadaffaa Geggeessamaa Laata?06.8922-02-2024
5Mootummaan Itiyoophiyaa Gareen Abut Debre-Tsion Gebre-Medhiniin Dursamu Waliigaltee Pritooriyaa Cabsaa Jira, Jechuun Gabaasame  0814-03-2025
6Jalqaba Baatii Sadaasaa Irra Keeniyaan Poolisii Itti Dabalaa Heeytiif Erguuf Ka Jirtu Ta’uu Beeksiste07.1314-10-2024
7Abukaatoon Pireezidaantii Kooriyaa Kibbaa Aangoo Irraa Kaafame Deggertoonni Isaanii Akka Hin Hidhamne “Hanga Dhumaattan Qabsaa’a” Jedhan  07.5702-01-2025
8Lammiileen Itiyoophiyaa Kuma Tokko Tahan Har’a Saawud Arabiyaarraa Gara Biyyaatti Deebifamuu Ministiriin Dhimma Alaa Biyyattii Beeksise  08.5512-03-2025
9Naannoo Tigraay aanaa Raayya Allaamaaxaatti Abbaan Amantaa Tokkoo fi Bartoonni Isaanii Afur Haleellaa Rasaasaan Ajjeesamuun Himame07.3710-03-2025
10Kaadhimamaan Itti Aanaa Prezidaantii Ameerikaa Yaa'ii Biyyoolessaa Dimokraatotaa Guyyaa Sadaffaa Irratti Kaadhimummaa Isaanii Simatan07.322-08-2024

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 7.72. Источник: www.voaafaanoromoo.com.