Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Manni-Maree Bakka-Bu’ootaa Itiyoophiyaa Wixinee Qonnaan Bulaa Lafa Qabiyyeesaa Qabsiisee Baankiirraa Liqaa Fudhachuu Dandeessisu Raggaasise

Дата публикации: 14-05-2024 18:13:17

Manni Maree bakka bu’oota Uummataa Itiyoophiyaa Labsii qonnaan bultoonni lafa isaanii qabsiisanii dhaabbilee Faayinaansiirraa maallaqa liqeeffachuu danda’au jedhe har’a raggaasiseera.
Manni mrichaa har’a Caamsaa 6 bara 2016 A.L. I tti yaa’ii isaa idlee gaggeesseen wixinee Labsii bulchiinsa lafa baadiyaa fi itti fayyadama isaa dhiyaate sagalee guutuun raggaasiseera. Sadarkaa diinagdee, siyaasnii fi hawwaasummaan biyyattiin irra geesettu waliin wal madaalchisuuf labsicha baasuun barbaachise kan jedhe manni marichaa , waggoota 18 darbaniif labsiin itti fayyadamaa fi bulchiinsa lafa baadiyaa lakk 456/1997 hojjiira ture irratti fooyya’insa taasifamuu walitti qabaan koree dhaabbii dhimma qonnaa Obbo Salamoon Laalem mana marichaaf ibsaniiru. Fooyya’insoota Labsii duraan irratti taasifaman keessaas qonnaan bultoonni lafa qonnaa isaanii akka wabiitti qabsiisuun dhaabbilee faayinaansii fi baankiiwwan irraa maallaqa liqeeffachuu akka danda’anidha.
Akka Labsii haaraa kanaattis dhaabbanni faayinaansii liqicha liqeesse lafa baadiyyaa wabiif qabate yoo liqeeffataan maallaqa liqeeffate deebisuu baate , lafa sanatti fayyadama malee dabarsee gurguruu hin danda’u jedha. Liqeessaan yeroon inni laficha itti fayyadamus naannoleen ofii isaanii murteessu jedhee, garuu inni guddaan waggaa Kudhan caaluu hin qabu jedha.
Labsiin kun isa kanaan dura dhaabbileen maayikroofaayinaansii liqaa kennaa turan bakka bu’a osoo hin taane filannoo akka ta’es ibsameera.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Itti fayyadama Bishaanii Kuusaa laga Abbayyaa Irratti Walii Galteen Jiru Hojii Irra ooluu Muummichi Ministeera Abiy Ahimed Beeksisaniiru07.7214-10-2024
2Naannoo Itiyoophiyaa Kibbbaa Keessatti Mukti Namoota Gabaa Jiran Irratti Kufuu Isaatiin Namoonni 7 Du’an09.613-03-2025
3Walitti-bu’insa Dheessuun Namoonni Koremii fi Ofilaarraa Bu’qqa’an Gargaarsa Akka Argachaa Hin Jirre Dubbatan08.0624-05-2024
4Biyyoonni Addunyaa Irraa Hiyyeeyyii Ta’an 26 Rakkoo Maallaqaa Hamaa Keessa Jiraachuu Baankiin Addunyaa Beeksise09.7814-10-2024
5Hojii Moodelii fi Beeksisawwan Adda Addaa Hojjechuun Kan Beekamtu Shamaree Qananii Addunyaa Du’uun Himame06.0811-03-2025
6Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 37ffaa Har’a Finfinneetti Jalqabame07.0317-02-2024
7Lammiileen Itiyoophiyaa Maayinaamar Keessatti Ukkamfanii Haala Rakkisaa Keessa Turan 32 Wiixata Har’aa Gara Itiyoophiyaatti Deebifaman07.310-03-2025
8Abukaatoon Pireezidaantii Kooriyaa Kibbaa Aangoo Irraa Kaafame Deggertoonni Isaanii Akka Hin Hidhamne “Hanga Dhumaattan Qabsaa’a” Jedhan  07.5702-01-2025
9Faransaay Keessatti Boombiin Bara Waraansa Addunyaa Lammaffaa Argamuu Isaarraa Kan Ka'e  Geejjibni Baaburaa Akka Dhaabatu Taasisamee Jira 06.2407-03-2025
10Lammileen Namibiyaa Eega Filannoon Sababa Teekinikaan Dhaabatee Booda Gara Buufatalee Filannootti Deebi’udhaan Sagalee Kennaa Olan09.3829-11-2024

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 11.65. Источник: www.voaafaanoromoo.com.