Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Paartii Rippuubilikaaniirraa Dhalattuun Itiyoophiyaa Niwu Yoork Keessaaa Barcuma Paarlaamaa Yunaayitid Isteetis Qabachuuf Dorgomaa Jiran

Дата публикации: 13-02-2024 19:32:07

Filannoo addaa Kibxata har’aa Niyoorkitti geggeessameen dhalattuun Itiyoophiyaa, paartii Rippubilikaanii bakka bu’an  Maazi Melesaa Pilip fi paartii Dimookiraatiirraa miseensa mana-maree duraanii Toom Su’oozii tu, kutaa Niyoork xiqqoo tokkoo fi handaara ishee bakka-bu’uun barcuma Rippaabilikaanitichi miseensi mana-maree Joor Saantoos irraa kaasaman qabachuuf wal-dorgome. Joorj Saantoos yakka maammaltummaa fi maallaqa filannoo dhimma birootiif baasan himannaa jedhuun himatamanii Mana-maree bakka-bu’ootaan eegaleen sagaleen itti kennamee booda akka barcumicha gad-lakkisan taasisame.
Jandoon rooba guyyaa har’aa Niyookitti bu’aa jiru baay’ina uummata sagalee kennuuf yaa’uurratti dhiibbaa qabaachuu hin oolu jedhama. Wal-dorgommii kaadhimamtoota lameen keessatti dhimmi wal-falmii ijoon dhimmi godaantotaa – isa kutaalee Yunaayitid Isteetis biroo keessattis prezidaatii duraanii Donaald Tiraamp fi Prezidaant Joo Baayiden gidduutti qabxii wal-dorgommii ta’uuf deema, jedhamu dha. Maazii Melesaa Pilipp, dhimma kana irratti morkattuun isaanii Su’oozii fi dimookiraatonni kaan daangaa Yunaayitid Isteetis to’achuu hin dandeenye, jechuun jabeessanii qeeqaa turan. Dimookiraatichi Toom Su’ooziin ammoo “Pilipp himannaa ishee kanaaf ragaa qabatamaa hin qabdu,” jedhanii falman.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Abukaatoon Pireezidaantii Kooriyaa Kibbaa Aangoo Irraa Kaafame Deggertoonni Isaanii Akka Hin Hidhamne “Hanga Dhumaattan Qabsaa’a” Jedhan  07.5702-01-2025
2Jilli Yunaayitid Isteetis Prezidaantii Haaraa Filatame Waliin Wal Argan06.0827-05-2024
3Walitti-bu’insa Dheessuun Namoonni Koremii fi Ofilaarraa Bu’qqa’an Gargaarsa Akka Argachaa Hin Jirre Dubbatan08.0624-05-2024
4Mootummaa Itiyoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo Gidduutti Mariin Nagaa Marsaa Sadaffaa Geggeessamaa Laata?06.8922-02-2024
5Jalqaba Baatii Sadaasaa Irra Keeniyaan Poolisii Itti Dabalaa Heeytiif Erguuf Ka Jirtu Ta’uu Beeksiste07.1314-10-2024
6Hariiroon Jiru Laaffataa Waan Adeemeef Yunaayitid Isteetis Ambaasaaddara Afriikaa Kibbaa Ari’uuf Jetti05.4815-03-2025
7Keeniyaa Keessatti Jijjiiramni Miidiyaa Gara Dijitaalaatti Taasisame Dorgaggootaaf Madda Odeeffannoo Filatamaa Tahee Jira06.5628-02-2025
8Humni addaa Sudaan “RSF “ jedhamu  Bakkawwan To’ate Keessatti Aangoo Bulchiinsaa Akka Hundeeffatu Himuun Yaaddoo Uumee Jira06.6127-02-2025
9Faransaay Keessatti Boombiin Bara Waraansa Addunyaa Lammaffaa Argamuu Isaarraa Kan Ka'e  Geejjibni Baaburaa Akka Dhaabatu Taasisamee Jira 06.2407-03-2025

Классификация: . Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 9. Тональность: 0. Информативность: 14.53. Источник: www.voaafaanoromoo.com.