Вход на сайт

Просмотр новости

Найдите то, что Вас интересует

Biyyoonni Addunyaa Irraa Hiyyeeyyii Ta’an 26 Rakkoo Maallaqaa Hamaa Keessa Jiraachuu Baankiin Addunyaa Beeksise

Дата публикации: 14-10-2024 16:26:06

Gabaasni Baankii Addunyaa haaraan akka mul’isutti, biyyoonni hiyyeeyyii addunyaa 26, kanneen namoota addunyaa irraa hiyyeeyyii ta’an dhibba irraa harki 40% keessa jiraatan, sadarkaa liqii kanaan dura hin argamne kan isaan mudate yoo ta’u, kunis bara 2006 irraa eegalee isa olaanaa dha.
Addunyaa ka biroon COVID 19 irraa dandammatee guddina argamsiisaa ennaa jirutti, dinagdeen biyyoota kanaa hammaataa adeemuu gabaasi kun beeksisee jira.
Walgahiin waggaa Baankii Addunyaa fi dhaabbata maallaqa Addunyaa  Waashingitanitti gaggeeffamuu isaa torban tokko dura kan ba’e gabaasni kun hiyyummaa hamaa dhabamsiisuuf tattaaffii godhamu irratti duubatti deebi’iinsa guddaan jiraachuu kan mirkaneessu yoo ta’u, Baankiin Addunyaa bara kana deggersa maallaqaa hiyyeeyyii addunyaa guutuuf doolaara biiliyoona 100 walitti qabuuf tattaaffii taasisaa jiru kan cimsu dha
Qorannaan biyyootii hiyyeeyyii 26 ta’an irratti geggeessame gliin nam tokkee waggaatti doolaara $1,145 gad ta’uu kan mul’isu yoo ta’u gargaarsa waldaa misooma Addunya IDA irratti fi liqaa dhala gad aanaa ziirootti dhiyaatu irratti hirkatanii jiru jedha gab aasi baankii Addunyaan ba’e kun
Giddugaleessaan galiin biyya keessaa fi  liqaa biyoota kanaa wal bira qabamee ennaa ilaalamu dhibba irraa harka 72 yoo ta’u kunis waggoota 18 keessatti isa dha. Biyyoonni kun walakkaan isaanii liqaa irra jiruun dhiphachaa jiran ykn balaa guddaa keessa jiru.
Biyyoota hiyyeeyyii 26 keessaa harka sadii keessaa lama walitti bu’iinsa hidhannoo keessa jiru, ykn sababaa waaltaalee fi hawaasummaan laaffataa ta’eef jecha sirna eegsisuuf rakkataa jiran. Kun immoo investmentii fi meeshaalee gara alaatti ergaman danqee, kufaatii dinagdee yeroo dheeraaf mul’atuuf isaan saaxila jedha gabaasni kun.

Основное содержимое страницы с новостью.

This item is part of

Схожие новости

#Наименование новостиТональностьИнформативностьДата публикации
1Hojii Moodelii fi Beeksisawwan Adda Addaa Hojjechuun Kan Beekamtu Shamaree Qananii Addunyaa Du’uun Himame06.0811-03-2025
2Manni-Maree Bakka-Bu’ootaa Itiyoophiyaa Wixinee Qonnaan Bulaa Lafa Qabiyyeesaa Qabsiisee Baankiirraa Liqaa Fudhachuu Dandeessisu Raggaasise011.6514-05-2024
3Jalqaba Baatii Sadaasaa Irra Keeniyaan Poolisii Itti Dabalaa Heeytiif Erguuf Ka Jirtu Ta’uu Beeksiste07.1314-10-2024
4Itti fayyadama Bishaanii Kuusaa laga Abbayyaa Irratti Walii Galteen Jiru Hojii Irra ooluu Muummichi Ministeera Abiy Ahimed Beeksisaniiru07.7214-10-2024
5Yeroo Biyyoonni Hedduun Gocha Shororkeessummaa Gabaasaa Jiranitti Afrikaan Ardii Haleellaa Kanaan Hedduun Ittii Galaafatame Taatee Jirti 08.807-03-2025
6Ardaa Jilaa Badhaasaatti Sirna Geggeessameen Abbaa Gadaa Booranaa 71ssoon Abbaa Gadaa Booranaa 72ssootti Eebbaan Baallii Kenne  06.8411-03-2025
7Faransaay Keessatti Boombiin Bara Waraansa Addunyaa Lammaffaa Argamuu Isaarraa Kan Ka'e  Geejjibni Baaburaa Akka Dhaabatu Taasisamee Jira 06.2407-03-2025
8Abukaatoon Pireezidaantii Kooriyaa Kibbaa Aangoo Irraa Kaafame Deggertoonni Isaanii Akka Hin Hidhamne “Hanga Dhumaattan Qabsaa’a” Jedhan  07.5702-01-2025
9Naayijeriyaa fi Biyyoota Afrikaa Biroo Keessatti Gochaan Harma Sibiila How’aan Diriirsuu Dubartootatti Rakkoo Fayyaa Uumaa Jira09.5422-02-2024
10Gareen Waraana Saffisaa Sudaan ‘RSF’ Namoota Nagaa 120 Ajjeesuu Tokkummaan Mootummootaa Ibse06.528-10-2024

Классификация: Пресс-релизы. Схожих патентов: 0. Схожих новостей: 10. Тональность: 0. Информативность: 9.78. Источник: www.voaafaanoromoo.com.